• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon nama nagaa tokko yoo ajjeesan, tokko immoo madeessuun barame

Nov 13, 2025

ONM-ABO Sadaasa 13, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee karaa Garbootaatiin Kibxata Sadaasa 11, 2025 dhukaasa gareen badii hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa irratti gara galgala toora sa’aa 1:00’tti bananiin nama maqaan isaa Huseen Hasan jedhamu jiraataa ganda Garbootaa kan ta’e haala suukaneessaan ajjeesanii yoo gatan, jiraataa ganda Wanbee Yesuf Umar jedhamu ammoo madeessuu fi madoon isaa illee cimaa ta’uu jiraattotni bakkichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen keenya gamasii jedhanitti, humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jechuun of yaamu, kan quba qabeenya lukkeelee Bilxiginnaan hawaasa Oromoo lafarraa duguugaa jiru kun aanichatti gara galgala-galgalaa waan isaaniif mijaa’uuf jecha, meeshaalee waraanaa gurguddaa qarree irra dhaabbachuun namoota loon tiksanii fi ooyruu isaanii keessatti argaman mara guyyuu haleelu, kan lubbuu namoota danuu nu galaafachaa fi qabeenyaa keenyas mancaasaa jiru meeshaalee gurguddaa fageenya irraa dhukaafamaniidhas jedhu.

Gareen jalqabuma irraa kaasee seenaa gaarii hin qabne hiddi latiinsa isaanii Finxaaleyyiin Amaaraa kun, aanaa Harxummaa Fursee kanatti irra deddeebiin ajjeechaa suukanneessaa fi madoo guyyuu hawaasa onichaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, aanichumatti Sadaasa 7 fi 8,2025  walitti fufiinsaan dhukaasa uummata nagaa irratti bananii turaniin nama tokko ajjeesuun, lama ammoo madeessuu isaanii gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply