ONM-ABO Sadaasa 14, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii gandoota hunda keessatti ergamtoonni sirnichaa maatii qabsaa’ootaa irratti xiyyeeffachuun hidhattoota manneen hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen onichaa Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Onicha keessatti Sadaasa 7, 2025 irraa eegalee hawaasni rakkoo ulfaataa fi balaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u, hidhatoonni Bilxiginnaa hawaasa adamsuun mana hidhaatti guuruu, loon offatanii deemuu fi manneen gubanii barbadeessaa akka jiranis maddeen dabaluun ifoomsaniiru.
Guutummaa aanichaa keessatti hawaasni gandoota kanneen, akka Toongoo Waabaraa, Qacoo Waabaraa, Lophii, Gabaa Kamisaa, Billee Biqiltuu fi kanneen hafan biroo keessattis yeroo itti uummanni ilmaan isaa gara mana barumsaatti ergatee ofii misooma isaa irratti bobba’ee jiru kanatti tiksitootni Abiy Ahimed duula jal’inaa itti bobba’uun rakkinoota ulfaatoo ta’aniif hawaasicha saaxilaa jirachuu ibsaniiru.
Uummaanni Oromoo sirnaa moofaa fi balfamaa impaayeratti kana keessatti waggoota dheeraaf hiraarfamaa kan jiru hattoota maqaa Oromootiin aangoo irra jiraniin yoo ta’u, siyaasa ammayyoomee fi meeshaa nama maleeyyiin duguuggaan sanyii fi mancaatiin dinagdee qonnaan bultootaa hanga hojjettoota sadarkaa garaagaraa irratti geggeeffama kan jiru ta’uun ni beekama.





