• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti waraanni Bilxigginnaa uummata nagaa mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun beekame‎

Nov 14, 2025

ONM-ABO Sadaasa 14, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara Arbaa bakka addaa Shaaraa Koojjii jedhamutti Sadaasa 12, 2025 waraanni Bilxigginnaa nama maqaan isa Kadir Ahimad jedhamu qe’ee isaa keessaa qabuun fuudhanii deemuun ganda Baamsootti hidhanii dararaa jiru.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namni kun hawaasa biratti kabajaa fi jaalala gudda kan qabanii fi xuxxuqaa gartu siyaasaa kamirraa bilisa kan ta’aniidha. Gandichatti Abbaa Afooshaa ta’anii hawaasa isaanii tajaajilaa turanis  sababa tokko malee Orommummaa isaanii qofaan hidhamu OMNtti himan.

Murni PP mootummaa jechuun of waamu uummaticha humnan jilbeeffachisuuf jecha namoota maqaa gaarii hawaasicha biratti qaban adamsuun ajjeessu, saamu, reebuu fi hidhuun haamilee uummata cabsuuf irra deddeebiin gocha sukkanneessaa kana irratti raawwachaa turuun isa ni  beekama.

Leave a Reply