• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Buunnoo Beddeelle aanaa Cawwaaqaa keessatti kaadiroonni fi waraanni Bilxigginna saamicha hawaasa irratti raawwatan daran jabachuun barame

Nov 15, 2025

ONM-ABO Sadaasa 15, 2025 

Godina Buunnoo Beddeelle Aanaa Caawwaaqaa keessaa gandoota jiran hunda keessatti Sadaasa 13, 2025 irraa eegaluun kaadiroonni fi waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun qarshii 1,750 fiduu qabdu jedhuun saamicha ulfaataa uummata nagaa ofiifuu qaala’insi jireenyaa dararaa jiru irratti raawwachaa akka jiran maddeen keenya ONM’tti himaniiru. 

‎

Gareen maqaa mootummaa jechuun of waamu kun gara jabummaa hamaa uummata Oromoof qabu kan durii caalaa miira abdii kutannaan keessa galuun raawwachaa jiraachuun argiisisa jechuun OMNtti dubbataniru.

Murni Bilxigginna kufaatii dinadgee hamaa isa mudaate jala dandamachuuf jecha uummata nagaa irratti maqaalee garaagaraa kan akka Buusaa Gonofaa, gibira fi qaraxaa, inshuraansii fayyaa fi kkkf moggasuun saamicha jaba irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaafamaa turuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply