ONM-ABO Sadaasa 15, 2025
Kaleessa Sadaasa 14, 2025 Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa keessatti okkorri cimaan sababa waldhabdee gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti uumameen dho’ee jira.
Okkora guddaa dho’e kanaanis waldhabdee gosa Anyuwaak fi Nuweer gidduuutti poolisoota federaalaa naannoo isaanii waliin walitti bu’uun hidhaattotni Bilxiginnaa gosa Nuweer keessa barattoota 3 rasaasaan rukutanii madeessuu fi hedduu irratti reebicha raawwachuun miidhaa qaamaa qaqqabsiisuun barameera.
Okkorri magaalaa Gambeelaa keessatti kaleessa dhalate kun sababa guyyuma kaleessaa ganama konkolaataan Nuweerotni ittii deemaa turan irratti naannoo Aboolitti qaamoleen gosa Anyuwaak ta’uun shakkaman dhukaasa banuun namoota gosa Nuweer 3 ajjeesanii reeffi isaanii magaalaa Gambeelaatti deebi’ee ta’uu maddeen magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Gocha kanatti kan mufatan gosti Nuweer ajjeecha namoota isaanii irratti raawwatame mormuun barattootni fi uummatni waliin qindoomuun mormii dhageessisuu eegalan. Mormii fi sagalee sabaa afaan qawween ukkaamsuu kan aadeffate Bilxiginnaan tiksitoota isaa itti bobbaasuun dhukaasa bal’aa irratti geggeessaa kan ture yoo ta’u, mormiin sagalee dhageessifannaaf ba’ame gara okkoraatti jijjiiramuun barattootni fi uummatni dhagaan poolisoota waliin wal dura dhaabbatanii turan.
Okkora ajjeechaan namoota gosa Nuweer sadii irratti raawwateen uumame kan gidduutti namni Anyuwaak waardiyaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa ta’e tokkoo fi mana yaalaa keessa kan ture tokko irratti reebichi raawwachuun barameera.
Magaalaan Gambeelaa okkora guddaan uumameen ganama irraa kaasee jeequmsa keessa kan turte yoo ta’u waaree irratti qabbanaa’uun toora Fecebook’iin sa’a 10:00n akka lakkoofsa impaayerattiin akka walitti deebi’anii ba’an wal waamaa turuu yeroo gabaasa kana qindeessinetti odeeffanneerra.
Okkora kana booda manni nyaataa, gabaa, dukkaana, baankii, biirooleen mootuummaa fi geejjibni tajaajila kennaa akka hin turre barameera.





