ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Nuuraa Heeraa keessatti dhaabbanni Agro industirii Appeer Awaash yeroo dhiyoo asitti wabii tokko malee uummata hedduu buqqisuun jireenya gadadoof saaxiluu isaa Sadaasa 15, 2025 jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Dhaabbanni Agro industirii Apper Awaash damee ‘MEDROC’ kan ta’e Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti lafa hektaara hedduu qabaachuun akka impaayerattiitti sadarkaa duraa irratti kan argamu yoo ta’u, dhaabbata nama dhuunfaa abbaa qabeenyaa impaayerattii kan ta’e sheek Allaamuddiiniin kan hundeeffameedha.
Dhaabbanni kun yoggaa jalqaba hundeeffamu mootummoota abbaa irree darban waliin waliif galuun uummata gowwoomsanii beenyaa tokko malee ilmaan Oromoo hedduu buqqisuun akka isaan jireenya gadadoof saaxilaman daba hamaa raawwachuu isaanii buleeyyiin gandichatti argaman ONM’f addeessaniiru.
Jiraattonni kunniin osoo lafa isaaniirraa hin buqqa’in dura lafa qonnaan bultootaa jal’isii fi rooba fayyadamuun oomisha garaagaraa midhaan nyaataa dabalatee kuduraa fi muduraa oomishuun uummata jireenya qananii jiraataa ture yoo ta’u, ega lafa qonnaaf mijaawaa ta’e kana irraa buqqaafamanii garuu rakkoolee adda addaa kanneen akka mana jireenyaa dhabuu, beela, dhukkubaa fi rakkoolee adda addaa qaamni kamiyyuu osoo quba hin qabaatiin akka waan lammii impaayera kanaa hin taanetti jireenya gadadoo jiraachaa turre jechuun jiraattonni ni dubbatu.
Kun utuu kanaan jiruu murni Bilxiginnaa warraaqsa uummata Oromoo butuun gara aangoo siyaasaa impaayerattiitti ol ba’e dhaabbaticha waliin waliigaltee maallaqaa “share’ tolfachuun daran rakkoo fi gidiraan uummaticha irratti akka jigu taasise jechuun miira aarii qaban ONM’f ifoomsaniiru. Uummanni kun hedduun isaanii ega laficha irraa buqqa’anii booda filannoo biraa waan hin qabneef bakkeewwan kanneen akka qaawwaa haraa mirqasaa, magaalaa Boolee, Nuuraa alaagaa, Shukur, Ganjab, Hulluuqqoo fi bakkeewwan kaanitti faffaca’uun kan jiraachaa turan ta’ullee, loltoonnii fi kaabinoonni Bilxiginnaa” isintu WBO tumsee nu ficcisiisaa jira” ittiin jechuun waggaa darbe ammas achirraa buqqisuun bakka lafa qonnaa Upper Awaash uummata irraa fudhate buufata tokkoo hanga kudhan ta’u keessaa buufata tokkoo hanga afur ga’u humnaan walitti uguuranii qubachiisuun rakkoo beelaa, qorra, aduu fi dhukkuba kanneen akka busaa, taayifooyidii, qorraa fi dhibeewwan biroof akka saaxilamanii jiran irra deddeebi’uun jiraattonni eeraniiru.
Akka ogeessota fayyaa irraa gidduu kana qorannetti weerara dhibee busaa “malaria” tiin sadarkaa ulfaataa ta’een uummanni weeraramee kan jiru yoo ta’u, buufataalee fayyaa mootummaa keessaa qorichi ga’aa ta’e dhibuu, akkasumas hawaasa tajaajiluuf hamilee dhabuurraan kan ka’e qoricha kennamuuf illee qarshii 300 -400 ga’utti qaalessuun of irraa kan deebisan yoo ta’u, gara kiliniika fayyaa dhuunfaa kanneen akka Shaalom, Dachaasaa fi kanneen biroo deemanii yaalamanis dhukkubsattoonni haadholii fi daa’imman baay’achuu irraan kan ka’e wal’aansa ga’aa dhabuun qarqara du’aarratti argamuu isaanii ogeessonni fayyaa Kun ifoomsaniiru
Kanaan dura dhibee kana ittisuuf farra bookee busaa kanneen akka agoobaraa, haroowwan gogsuu fi dawaa farra bookee busaa biifuun ittifamaa kan ture yoo ta’u, PP’n guutummaatti hojii ittisa dhibee dhiisuudhaan saamicha irratti bobba’ee uummata qorqee nyaachaa jira jechuudhaan jiraattonni miira keessa jiran OMMtti himaniiru.

