ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Murni Bilxiginnaa kan uummata nagaa saamuu hojii isaa godhate godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti saamicha ulfaataa uummata nagaa irratti raawwachaa akka jiran Sadaasa 13, 2025 jiraattonni arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Haaluma kanaan aanaa Fantaallee ganda Tuuroo bakka addaa Baddannoota jalaa fi gubbaa, Dhawaa, Baddannoota Goobaa, Boombisaa jedhamanitti loltoonnii fi milishoonni PP wal ta’uun uummata nagaa jireenya dhuunfaa isaa geggeeffachuuf ifaaju kanneen siyaasa kam irraa iyyuu bilisa ta’an sababa tokko malee “isin deggertoota WBO ti” ittiin jedhanii bakka WBO’n keessa hin sochoonetti saamichaaf haala aanjeffachuun nama tokko irraa qarshii 1500 shan dirqiin funyaan qabanii irraa fuudhachaa akka jiran jiraattonni gandoota kanneenii ONMtti himaniiru. Kana malees namni lubbuun deemu kamiyyuu isaan bira darbuuf dirqamaan qarshii 200 lama irraa bubbutachaa akka jiran maddeen haala kana qabatamaan beekan ifoomsaniiru.
Ittuma fufuun godinichuma aanaa Boosat ganda Saaraaf Araddaa fi magaalaa Bofaatti namoota gaarii fayyadamuun jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffatan kanneen maqaan isaanii:
1. Galaanaa Taaddasaa,
2. Daggafaa Garasuu,
3. Warquu Tolaa,
4. Taaddee Sambatuu,
5. Kumaa Sambatuu,
6. Badhaasoo Badhaadhaa,
7. Jimaa Birruu jedhamanii fi
kanneen biroo hafan irratti ganda Saaraaf Araddaa irraa gara magaalaa Bofaatti deddeebi’uuf qarshii 1500 shan dirqiin saamanii akka irraa fuudhamaa jiru jiraattonni eeruun, sababa kanarraan kan ka’e abbootiin gaarii kunniin galii isaan argatan saamichaan waan bakka bu’eef abdii kutachuun hojicha addaan kutuuf akka jiran miira aarii isaanii ONMtti himaniiru.
Kana malees horii uummataa bakka dheedichaa irraa oofanii magaalaa Bofaa bakka horii itti gurguranitti geessuun yeroo abbaan horii dhufee gaafatu re’ee tokkotti qarshii 500 sababa tokko malee irraa butuun akkasumas namni tokko fincaan osoo fincaa’uu yoo argan illee sababa tokko malee maaliif asitti fincoofta ittiin jechuun sodaachisanii tooftaa ittiin saaman baafachuun nama tokko irraa qarshii 200 dirqamaan irraa fudhachaa akka jiran jiraattonni magaalichaa addeessaniiru.
Ittuma fufuun ganduma kanatti namoota maashinii fayyadamuun midhaan calleessan irraa sababa tokko malee qarshii 1000 hanga 2000tti dirqiin saamaa akka jiran namoonni ogummaa maashinii kanaa qaban itti dabaluun eeraniiru.







