ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu ganda Oggee keessatti Sadaasa 15, 2025 waraanni goolessaan sirnichaa uummata maqaa garagaraa itti maxxansee gara mana hiraarsaatti darbachuun wantoota dhala namaaf hin malle agarsiisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Dararaa hidhamtoota kanneen irra gahaa jiru keessaa muraasni, guyyaa guutuu mana cufaa keessaa oolchuu fi mana fincaanii yeroon bahuu dhorkuu, akkasumas nyaataa fi dhugaatiin maatii irraa seenuufii dhorkuu, dabalatee maallaqa humnaan olii gaafatamuu yoo ta’u, kanuma irratti immoo reebichi ulfaataanis irratti raawwatamaa jiraachuus addeessaniiru.
Hidhamtoonni kunneen irra caalaan isaanii murtii seeraa malee waggaa tokkoo ol turuu fi mirgi wabii isaanii ugguramuu fi wabii dhabuun jireenya abdii kutachiisaa keessa jiraachaa jiraachuu isaanii maatiin hidhamtoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Sarbamiinsi mirgoota namoomaa guutuu Oromiyaatti raawwatamu kan duraanii caalaa jabaachuun murni Bilxiginnaa jaalala uummata irraa argachuu barbaadu dhabuu isaatiin abdii kutannaa guddaa keessa seenuun kallattiilee maraan uummata jiilchee bulchuuf abjuu hin milkoofneen dhama’aa jira.




