ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Humni qilleensaa impaayerattii godina Qellem Wallaggaa keessatti aanaalee garaagaraa kanneen akka aanaa Gawoo Qeebbee, Jimmaa Horroo, Yamaalogii Walal, Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaan gandoota aanaalee kanneenii cufa irra naanna’aa turuu jiraattonni ifoomsaniiru.
Humni qilleensaa kun meesha nama maleessa/dirooniin uummata harka duwwaa haleeluuf marsaa kan ture yoo ta’u, uummatnis muuxannoo waa’ee isaa argaa fi dhageettii gurraa waan qabuuf jecha hojii isaa dhiisee baqachaa ture.
Haleellaan diroonii kun maqaa sochii Waraana Bilisummaa Oromoo danquu fi dhabamsiisuu jedhuun yeroo adda addatti kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti rukuttaa rifaasisaa raawwachaa turteen lubbuu namoota nagaa daa’imman irraa eegalee hanga maanguddoota dheessanii jalaa bahuu hin dandeenyee akkasumas tuuta barattootaa fi qonnaan bultoota hojii idilee isaanii irratti bobba’anii argamanitti darbachuun miidhaa qaqqabsiisaa tureera.
Tibbana ammoo godina Qellem Wallaggaa aanaalee tokko tokko irra marsuun uummatni shororkeessaa kan jiru yoo ta’u, uummatni sodaa fi yaaddoo nageenya isaaf jecha hojii hojjechuu irraa danqamaa jiraachuu fi kanneen battala sanatti hojiitti bobba’anii jiran illee itti argamnee rukutamna sodaa jedhuun hojii isaanii dhiisanii baqachaa jiru.
Haleellaan qilleensaa kunis yeroo ammaa bifa deddeebi’iinsaan mul’achaa kan jiru yoo ta’u gaafa Sadaasa 15, 2025 ganama barii irraa eegalee hawaasa aanaalee kanneenii irra marsaa turuu fi torban darbes godinichuma aanaa Yamaalogii Walal ganda Garaadii jedhamu keessatti mana barumsaa Jeenoo Maariyaamii jedhamutti dhukaasee barbadeessuun ni yaadatama.


