ONM-ABO Sadaasa 16, 2025
Mootummaa Naannoo Gambeelaa magaalaa Gambeelaa kan sabaa fi sablammootni hedduun keessa jiraatan keessatti walitti bu’iinsa Jimaata darbe Sadaasa 14, 2025 gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti uumamuun waraanni Bilxiginnaa uummatatti dhukaasee miidhaa qaqqabsiiseen booda sochiin waliigalaa magaalattii keessatti laafuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Waldhabdee guddaa Jimaata darbe uumame kana booda magaalaa Gambeelattii keessaa laafuu kan himan jiraattotni Jimaataa kaasee haalli sochii uummataa, manneen daldalaa fi geejjibaa laafeera jedhan.
Keessumaa guyyaa dubbiin kun dho’e sochiin kamiyyuu guutummaatti dhaabbachuu himuun kaleessa irraa kaasee garuu namootni xiqqoon, konkolaattotni miraasni fi dukkaanni miira sodaan sochii eegalanis hammi argame fedhii humna magaalattiin wal gitu akka hin taanee fi miirri mul’atus yaaddoo fi sodaa of keessaa qabaachuu ibsu.
Gosootni lachuu Nuweerii fi Anyuwaak yeroo ammaatti toora jireenya isaanii irraa wal keessa akka hin deemne ittifamanii jiru. Waldhibdee isaan gidduutti ka’u kanaanins miidhaa isaan irra ga’u malee kanneen dubbii kana keessaa hin qabne sabaa fi sablammoota biroo achi jiran irratti miidhaan lubbuu, qaamaa fi saamichi qabeenyaa geggeeffamuun waan baratamaa waan ta’eef jiraattotni magaalattii maal akka itti aanee dhufu sodaachuun miira yaaddoo fi of eeggannoon jiraachuu dubbatu.
Bulchiinsi naannicha dheengadda irraa kaasee waltajjii taa’aa kan jiru yoo ta’u, walitti bu’iinsa kana hundee irraa furuuf garuu hanga ammaatti hojii isaan hojjetan akka hin jirre ni beekama.
Waldhibdee gosoota lachuu gidduutti uumamu yeroo dheeraaf kan itti fufe yoo ta’u, kana gidduutti lubbuun Oromoota hedduu dhabamaa tureera.
Murni sabootaa fi gosoota walitti buusee umrii aangoo isaa dheeraffrachuu barbaadu Bilxiginnaan waan uumame kana akka carraatti fayyadamuun itti hammeessuu fi yeroo barbaadetti kaardii siyaasaa godhee fayyadamnuu malee furmaata itti godhee nagaa waaraa buusuuf hojjechaa akka hin jirre hojiin inni impaayerattii guutuutti raawwachaa jiru ragaadha.




