ONM-ABO Sadaasa 18, 2025
Godina Baha Shaggar magaalaa Maqii ganda 01 keessatti Sadaasa 11, 2025 nama maqaan isaa Danbal Bariisoo jedhamu miliishonni sfaashistii PP badii tokko malee nama nagaa rasaasaan erga rukutuunii booda hospitaala magaalaa Maqii keessatti erga yaalama turee lubbuun isaa Sadaasa 16, 2025 darbuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni magaalichaa yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanitti Oboo Danbal Bariisoo obboleessa kaabinee mootummaa naannoo Oromiyaa Tolaa Bariisoo ta’u erga hubatanii booda kaabinootaa Bilxiginnaa gidduutti wal shakkiin uumamee mormii guddaa keessa jirachuuun ifoomeera.
Sirni awwaalcha isaas Sadaasa 17, 2025 achuma magaalaa Maqii keessatti rawwaatamee jira.
Oboo Danbal nama badii seeraa raawwate hin qabnee yoo ta’u milishoonni maafiyaa PP kanneen qawween harka qaban mirga akkafeeteen nama ajjeesuu gonfamuun uummata keessa bobbaafaman xiqqaa guddaa osoo hin jeene ajjeechaa namoota nagaa ittuma fufanii jiru.





