• Thu. Apr 30th, 2026

Israa’el ajajaa olaanaa Hizboollaa Beerut keessatti erga ajjeestee booda akeekkachiisa ittisa qilleensaa kaafte

Nov 25, 2025

ONM-ABO Sadaasa 25, 2025 

Israa’el Wiixata kaleessaa sadarkaa akeekkachiisa sirna ittisa qilleensaa ishee kaabaa kan kaafte yoo ta’u, kunis ajajaa olaanaa Hizboollaa Hayitaam al-Tabtabayi Beerut keessatti erga ajjeestee guyyaa tokko booda.

“Waraanni sadarkaa akeekkachiisa sirna ittisa qilleensaa kaabaa ol kaasuuf murteessee jira,” jedha Raadiyoon Waraana Israa’el.

Gama biraatiin ammoo, broodkaastiin uummataa KAN akka gabaasetti madaalliin nageenyaa “Hogganaan Hizboollaa naannoo kibba Beerut keessatti dhabamsiisuu isaanii hordofee Hizboollaa waliin haleellaa wal jijjiiruun ni jiraata jedhamee  hin eegamu” jedha.

Haa ta’u malee, itti dabaluudhaan: “Israa’el kanas ta’e sana, deebii adda addaa kennuu danda’u, kan akka haleellaa bakka Israa’el biyya alaa irratti raawwachuu ykn haleellaa fuula biroo kan akka Yaman irraa dhufuuf qophaa’aa jirti,” jechuun Huutii eeruun dubbateera.

“Haala kana keessatti Hizboollaan dantaa Israa’el biyya alaa irratti xiyyeeffachuun deebii kennuu filachuu mala,” jechuun broodkaastarichi dabalee ibseera.

Ibsa Dilbata darbe kenneen Hizboollaan Tabatabayi “ajajaa waraanaa ijoo” jechuun du’a isaatti gaddan.

Gareen kun haleellaa qilleensaa Israa’el kanaan miseensonni isaa afur du’uu isaaniis gabaaseera.

Waraanni Israa’el walii galteen dhukaasa dhaabuu\ Sadaasa bara 2024 irraa eegalee jiraatus, haleellaa naannoo kibba Beerut irratti xiyyeeffateen Tabatabayi dhabamsiisuu isaa Dilbata ganama ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading