ONM-ABO Muddee 6, 2025
Hidhataan Bilxiginnaa maqaa milishaan socho’u tokko godina Gujii Lixaa aanaa Abbayyaa ganda Laadoo keessatti kaleessa ganama Muddee 5, 2025 nama nagaa siyaasa keessaa hin qabne Bulluluu Gammadaa jedhamu rasaasaan rukutee madeessuun barameera.
Milishaan ilma Oromoo Bulluluu rukutee maqaan isaa Dukkalee Maxalee kan jedhamu yoo ta’u, namoota sirna dhableen PP leenjisee siyaasa isaa akka tiksaniif bobbaase keessaa tokko akka ta’e jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii fi kaabineen Bilxiginnaa waliin ta’uun namoota isaaniif qawwee baatan guuranii erga leenjisanii bobbaasanii kaasee aanaa Abbayyaa kana keessatti saamicha, hidhaa fi ajjeechaa jabaan geggeeffamaa jira.
Sababa kanaanis jiraattotni baadiyaa irraa magaalaa dhaquu sodaachuu fi baadiyuma keessattiyyuu nageenya dhabuun qabeenya gatanii lubbuu isaanii oolfachuuf baqachaa akka jiran ibsaniiru.
Rakkoon dhiibbaa waraana PPn Oromoo irra ga’aa jiru Oromiyaa bakkeewwan hedduutti wal fakkaataa yoo ta’u, ajjeechaas ta’e miidhaamni loltoota Abiy Ahimediin uummata irra ga’aa jiru akka dhaabbatu yeroo adda addaatti gaafatamus iyyi uummataa gurra isaanii bira akka hin geenye ni beekama.

