ONM-ABO Muddee 7, 2025
Godina Matakkal aanaa Waanbaraa gandoota baadiyaa irraa gaafa Muddee 3, 2025 waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa gara jabummaa malee aantummaa uummataa hin qabne uummata hojii qonnaa isaa qofa irratti xiyyeeffatee jiraatu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo soortu jedhuun gandoota sadii irraa buqqisan.
Gandoonni kunneenis maqaan isaanii:
- Gic-Goyi,
- Bacoodoo fi
- Ashii
kan jedhaman oggaa ta’u, loltoonni ergama badii qabatanii aanicha irraa gara gandoota kanneenii deeman uummata irratti dhukaasa banuun shororkaa jabaa irratti taasisanii abbootii warraa 150 ol mana isaanii irraa daa’imman isaanii waliin fuudhanii akka deeman addeessaniiru.
Weerara qonnaan bultoota kana irratti taasisaniin maatiin loon, re’oota, hoolota, harroota, gaangolii, lukkuu fi dabalatee midhaan callaa tokkollee kan hin baafanne oggaa ta’u, qabeenyi maatii kanneenii bineensotaan manca’aa akka jirus ibsameera.
Uummanni loltoota garboomfataa PP’n buqqaafaman kunneen bulchiinsa magaalootaa lama keessa qubsiifamuun beelaa fi dheebuun dararaa hammaataa argaa akka jiranis ibsameera.

