• Wed. Nov 25th, 2026

Al-Sharaan Siiriyaa loltoota Ameerikaa irratti haleellaa raawwatame ilaalchiisee Tiraampiif jajjabina ergan

Dec 16, 2025

ONM-ABO Muddee 16, 2025 

Prezdaantiin Siiriyaa Ahmed Al-Sharaa gita isaa Ameerikaa Doonaald Tiraampiif jajjabina ergeera. Ergaan kunis haleellaa lubbuu loltoota Ameerikaa giddu galeessa Siiriyaa keessatti galafatee erga raawwatamee guyyaa tokko booda.

Ibsa pirezidaantiin Siiriyaa baaseen, al-Sharaan “ajjeechaa loltoota Ameerikaa bulchiinsa Homs keessatti raawwatame ilaalchisee prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiif dhaamsa jajjabinaa” erguun, biyyi isaanii “maatii miidhamtootaa waliin tumsa” qabaachuu ishee ibseera.

Haleellaan Waashingitan ISISn himatte kun, bulchiinsa Homs, Paalmaayiraa keessatti loltoota Ameerikaa lamaa fi nama siiviilii afaan hiiku tokko ajjeeseera jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply