ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 05 naannoo Qabsoo jedhamuun waamamu keessatti ergamtoonni maafiyaa Bilxiginnaa maqaa ijaarsa garaagaraa da’eeffachuun hawaasa irratti saamicha daangaa darbe geggeessaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Haaluma kanaan jiraattota ganda 05 bakka addaa Qabsoo jedhamu jiraataniin ijaarsa manaa fi dallaa irratti maallaqa kaffaluu qabdu ittiin jechuun tokko tokkoon hawaasa gandichaa irraa qarshii 3000-5000 dirqamaan saamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ifoomsaniiru.
Kana malees akkuma guutummaa magaalichaatti manneen jiraattotaa hundi maqaa ijaarsa kooriidarii fi bareedina magaalaa jedhuun beenyaa tokko malee diigamanii manca’uun jiraattonni rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.
Manni jireenyaa isaanii buqqa’ee diigamuu hordofee jiraattonni hedduun dawoo jireenyaa dhabuun waqtii kanatti halkan qorraa fi guyyaa aduu hammaataa ta’e keessatti daa’imman xixiqqoo waliin rakkina ulfaataa keessummeessa jiru.
Dhimma diigamiinsa manneen hawaasaa maqaa kooriidariin sababeeffatee ilaalchisee Amnesty international fi dhaabbileen idil addunyaa garaagaraa ibsa baasaa turaniin akka dhaabbatuu fi kanneen buqqa’an hanga bakka argatanitti misoomichi akka addaan citu gaafatus, murni Bilxiginnaa garuu magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti itti fufee jiraachuun ni mul’ata.


