ONM-ABO Muddee 16, 2025
Gamtaan Awurooppaa gargaarsa namoomaa xiyyaara saddeetiin fe’amee gara naannoo Sudaan waraanaan miidhamte Daarfuur geessuuf “karaa qilleensaa” eegale.
Kutaan Komishinii Awurooppaa gargaarsa biyya alaa to’atu tarkaanfii kana Wiixata kaleessaa kan ifoomse yoo ta’u, balaliin kun “dhiyeessii lubbuu baraaruu” Yuuroo miiliyoona 3.5 (Doolaara miiliyoona 4.1) gara naannoo dhihaatti akka geessu ibsuun, gargaarsi kun bakka “gochi hammeenyaa jumlaa, beelaa fi buqqa’iinsi” namoota miliyoonaan lakkaa’aman hatattamaan akka isaan mudate taasise akka qaqqabuuf yaadameeti.
Balaliin jalqabaa Jimaata darbe kan ka’e yoo ta’u, gargaarsa gara toonii 100 ta’u “kuusaa namoomaa fi dhaabbilee michuu” irraa kan geesse ta’uu, Daarektarri Olaanaa Eegumsa Siivilii Awurooppaa fi Hojii Gargaarsa Namoomaa komishinichaa ibsa kenneen beeksiseera.
Balaliin dabalataa ji’a kanaa fi Amajjii guutuu akka itti fufu ibsuun, dhiyeessii gara “bakkeewwan addunyaa irratti dhaabbileen gargaarsaa dhaqqabuuf rakkisaa ta’an keessaa tokkotti” geejjibamu keessaa bishaan, meeshaalee gaaddisa, fi meeshaalee qulqullinaa, fi fayyaa tarreessee jira.
Kufaatiin magaalaa guddoo Kaaba Daarfuur, el-Fasher, kan dhuma Onkoloolessaa keessa Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF) qabame, “haala gargaarsa namoomaa duraanuu balaa guddaa geessise” kan agarsiisu yoo ta’u, gargaarsa argachuun daran akka ulfaatu taasiseera.
RSF el-Fasher kan to’ate erga goolama ji’oota 18f jiraattota nyaata, qorichaa fi dhiyeessii murteessaa biroo irraa addaan kutee booda, namoonni 100,000 ol akka baqatan kan taasise yoo ta’u, hedduun isaanii gara magaalaa Tawilaatti kan wiirtuu rakkoo namoomaa naannichaa guddachaa dhufe taateetti baqataniiru.
Namoonni el-Fasher irraa baqatan ajjeechaa jumlaa, butamuu fi gocha jeequmsa saalaa bal’aa yeroo RSF magaalattii weeraru qaqqabsiise gabaasameera. Hogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volker Turk gareen kun “yakka hunda caalu” raawwachuu isaa himatee turuu Al Jazeeraan gabaaseera.


