ONM-ABO Muddee 16, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yattii keessatti Muddee 13, 2025 waraanni murna gabroomfataa PP maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu”jedhuun uummata jumlaan ukkaamsanii mana dararaa isaaniitti guuraa turuu jiraattonni gandicharraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko rakkoo murna kanaan uumame eeranii jiru.
Haaluma kanaan namoota yakka dalagan osoo hin qabaanne, murna kanaan qabamuun dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Obbo Daagim Jaallataa,
- Obbo Beekoo Tuulii,
- Fissaa Taammiruu,
- Shukkaaree Taammiruu fi
kanneen maqaan nun qaqqabiin hedduunillee akka jiran jiraattonni dubbatu.
Namootni kun guyyaa lama dura gandichaa qabamuun gara magaalaa Seertumii geeffamuun achii gara Muggiitti kan dabarfaman yoo ta’u, achiin deebiis loltootni PP magaalaa Seertumiitti horii namoota kanneenii keessaa sa’a rimaa tokko magaalaa Seertumiitti Dilbata darbe qalatnii nyaatanii jiru.
Namootni kun hundinuu maatii kan qaban ta’uu kan himan jiraattonni, waan isaan keessatti hin hirmaanneen maqaa dharaan, “Waraana Bilisummaa Oromoof isintu nyaata laata”jedhuun hidhanii dararaa akka jiran himu.
Leellistoonni impaayera Itoophiyaa ergamtoonni dantaa garaa isaaniif jilbeenfachuun jiraatan, ergama gooftaa isaanii koloneel Abiy Ahmedn fudhachuudhaan Oromiyaa keessa bobbaafaman yeroo garaa garaatti uummata Oromoo irratti daba raawwatan jabeessuun, dhiiga ilmaan qulqulluu akka galaanaatti dhangalaasuun, lubbuu qaqqaaliwwan danuu dhabamsiisuudhaan jiruu fi jireenya saba guddaa ergeraa jiraachuun isaanii kan beekamudha.















