ONM-ABO Muddee 17, 2025
Godina Buunoo Beddellee aanaalee garaa garaa keessaa murni faashistii PP abbootii Gadaa bakka bu’aa uummataa ofiin jedhan kanneen Bilxiginnaaan ijaaraman dargaggoota dirqiin ukkaamsisuunii fi kaan ammoo gowwosuun gara mooraa leenjiitti ergaa jiraachuu maddeen gamasii Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka eeruun gamasii ONM qaqqabe addeessuutti, Muddee 15, 2025 magaalaa Beddellee keessatti dargaggoota hedduu walitti qabuun gara mooraa waraanaatti ergaa turuu fi dargaggoonni leenjiitti ergamaa jiran kunneen aanota fi gandoota garaagaraa keessaa afaan qawwee akkasumas goyomsa biyya keessan eegdu, carra biyya alaa qabdu fi Oromoo balleessuu dhufaa jiru jechuun kanaaf ittisuu qabna kan jedhuun kan qabaman ta’uu dubbatu.
Dabalataan ammoo Godinni Iluu Abbaa Booraa dachee sabaaf sab-lammoonni keessatti heddummaatan ta’uu fi dargaggoonni kanneen fedhaan deeman ammoo sabaan Amaaraa ta’aanii saba Oromoo cabsuu fi sirna Minilik deebisuuf kanneen fedha guutuun gara mooraa leenjiitti deemaa jiran ta’uun ifoomeera.
Godinichatti Bilxiginnaan lukkeelee isaa waraanaa hidhatee jiruu qabee hanga daa’imman xixiqqoo ol’ adeemtuu akkasuma Abbootii Gadaa kanneen ofiin jedhan maallaqaan gowwomsuun, midaayaalee hawaasaa irratti baasuun akka waan uummanni nagaa fi tasgabbiin jiraataa jiruutti yeroo garaagaraatti koominikeeshiniin magaalichaa ibsa sobaa fuul barruu miidiyaa hawaasaa irratti ibsa kennaa turuun kan mul’atudha.




