ONM-ABO Muddee 17, 2025
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota garaagaraa keessatti, murnii Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu hawwanii fi shamarran irratti gudeddaa guyyaa garaa guyyaati rawwaatanin namoonni hedduun miidhaan qaaama isaani irraa ga’uu fi gariin ammoo mana yaala keessatti wal’anamaa jiraachuu jirattoonni onichaa Arraatta Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti, onicha keessatti gudeddaan irraa deddeebin rawwaatama jiru kun kan yeroo jalqabaa akka hin taanee ibsuun, baatii Muddee kana irraa egalee gochi baay’ee yaadeessaa akkasuma dubbachuufis kan nama qaanffachiisuudha jechuun ibsaniiru.
Yoo xiqqaate shamarran fi hawwan dabalatee baatii kana keessa qofa namoota 30 ol irratti gudeddaan rawwatamuu fi isaan keessa muraasni maqaa arganne:
1. Baqqaluu Yaadataa,
2. Baqqalech Yaadataa fi
3. Maarramee Yaadataa ilmaan abbaa tokkoo yoo ta’an,
4. Firoomsee Guutamaa,
5. Amaanee Biranuu fi
6. Asheetee Ittaafa kanneen jedhamaniidha.
Namoonni armaan olitti maqaan isaani eerame kunneen WBOf rifeensa dhooftan (footan) jechuun loltoonni PP mana maatii isaaniitii afaan qawween ukkamsuun gara mooraa waraanaa erga geessani booda guyyoota afuriif erga gudeedaa turanii gara mana keessanitti galaa jechuun alatti baasanii kan gatan yoo ta’u, jiraattoonni naannichaa namoota kana fuudhanii gara mana isaaniitti geessuu fi gariin ammoo mana yaalatti akka geeffaaman maddeen onichaa dabalataan ifoomsaniiru.

