• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti saamichi waraana garboomfataa PP’n jabaachuun dhaga’ame 

Dec 22, 2025

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti waraanni faashistiin PP gandoota baadiyyaa irraa gara aanichaatti gabaa bittaa fi gurgurtaaf deeman daandii gubbaa dhaabbachuun saamicha jabaa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Saamichi qinda’aan kunis bilbiloota harkaa, qarshii fi kanneen biroo maqaa addaa addaa itti maxxansuun sodaachisanii saamaa akka jiranis jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kaayyoon saamicha kanaas sodaachisa uumuun uummata Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti addaa addummaa uumuuf maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuunis harkaa kan fuudhaa jiran oggaa ta’u, uumanni qarshiin harkaa fuudhamaa jiru kunis jibbinsa sirna Bilxiginnaa malee sodaachisaa fi dararaan WBO irraa abdii akka isaan hin kutachiisnes jiraataan onichaa miira hawaasa bal’aa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibseera.

Leave a Reply