• Fri. Nov 27th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Coomman Guduruu keessatti waraanni Bilxiginnaa saamichaa fi hidhaa hawaasa nagaa irratti raawwatu jabeessuun dhaga’ame

Dec 22, 2025

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Coomman Guduruu ganda Reef guddannee keessatti Muddee 21, 2025 waraanni faashistii PP maatii Aaddee Baacanii Baay’isaa jalaa loon saamuun intala isaanii shammarree Caaltuu Dhaabaa jedhamtu qabuun fudhanii deemuu jiraattonni OMNtti himan.

‎

Akkasumas jiraattuudhuma gandichaa kan taate harmee maqaan ishee Birqii Iddoosaa jedhamtu qabanii fudhanii deemuu fi horii ishees jalaa offatanii deemuun barameera. Haati kun tuttuqaa siyaasaa kamiyyuu irraa  bilisa akka taatee fi badii tokko malee ishee qabuu fi horii ooffattanii deemuu maddeen keenya bakkichaa ONM’f ifoomsaniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti maatiin kun abbaa maatii kan hin qabnee fi maqaa ilma keessantu bosona jira jedhuun Aadde Baacanii Baay’isaa fi ilma isaanii Lataa Dhaabaa kanaan dura qabanii hidhuun qabeenya isaanii saamaanii akka turanii fi amma immoo Shammarree Caaltuu Dhaabaa itti dabaluun hidhuu fi loon ishee haftees saamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Murni Bilxiginnaa tarsiimoo sabni kamiyyuu yoo humna guddaa irratti bobbasee daguuggaa sanyii fi saamicha irratti raawwachuun dinadgeen dadhabsiisee gabrummaa ykn harka kennachiisuuf  waggoota sadeetiif uummata Oromoo irratti gochawwan kana walitti fufiinsaan raawwachaa jiraachuun ni yaadatama.

Leave a Reply