• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaalee addaa addaatti dargaggoota mooraa waraanaatti dirqiin guuruun jabaatee jiraachuun dhaga’ame 

Dec 22, 2025

ONM-ABO Muddee 22, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaalee danuu keessaa loltoonni murna maafiyaa PP dargaggoota abdii biyyaa ta’an dirqiin guuranii mooraa waraanaatti erguun jabaatee itti fufuun torban kana keessa qofa dargaggoonni hedduun akka ukkaamfaman jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Addattuu aanaalee akka Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Lataa Sibuu fi Najjoo dabalatee kanneen hafan biroo keessaa jumlaan daandii gubbaa dhaabbatanii qabuun mooraa bulchiinsa aanichaatti  walitti qabanii konkolaataatti fe’anii gara mooraa waraanaatti geessaa akka jiranis kan ibsan jiraattonni, maatiinis ilmaan isaanii akka mooraa hin deemneef caasaalee Bilxiginnaa kadhatanis ilmaan isaanii hambisuu akka hin dandeenyes itti dabaluun ibsaniiru.

Akka jiraataan tokko ona Mana Sibuu irraa yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoode ibsutti, namoonni baadiyyaa irraa gara magaalaa deemuu danqamuu fi mana isaanis bulaa akka hin jirre kan himuun, dargaggoonni yoo mana bulan waraanni faashistiin Bilxiginnaa qe’ee isaanii barii barraaqaan deemuun qabanii dirqiin mooraatti ergaa jiru jechuun dubbata.

Kana malees dargaggoota gariin ammoo ilaalchaan qoodamanii Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta jechuun hidhaatti darbuu fi lubbuu isaanis soora bineensotaa taasisaa akka jiranis itti dabaluun addeesseera.

Leave a Reply