ONM-ABO Muddee 22, 2025
Kooriyaan Kaabaa Dilbata kaleessaa hawwiin niwukilaraa Jaappaan “gatii kamiinuu ittifamuu qaba” jette. Kunis erga qondaalli Tookiyoo tokko biyyattiin meeshaa atoomikaa qabaachuu akka qabdu yaada dhiheessee booda.
Deebiin Piyoongiyaang kan kennite erga qondaalli waajjira muummicha ministeeraa keessa jiru maqaan isaa hin ibsamne kun Kamisa darbe Kiyodo News wabeeffachuun “meeshaa niwukilaraa qabaachuu qabna jedheen yaada” jedheeti.
Qondaalli kun imaammata nageenyaa Jaappaan qopheessuu keessatti hirmaachuu isaanii gabaafameera.
Gabaasni Kiyoodoos madda kana wabeeffachuun akkas jedhe: “Dhuma irratti, barbaachisummaa isaa yeroo ibsu ofuma keenya qofa irratti hirkatuu dandeenya” jedheera.
Piyoongiyaang dubbiin kun Tookiyoon “sarara diimaa bira darbee, hawwii meeshaa niwukilaraa qabachuuf qaban ifatti mul’isaa akka jirtu” agarsiisa jetteetti.
“Yaaliin Jaappaan niwukilaraa deemuuf gootu dhala namaatiif balaa guddaa waan fiduuf gatii kamiinuu ittifamuu qaba,” jechuun daayreektarri Inistiitiyuutii Qorannoo Jaappaan ministeera haajaa alaa Kaabaa jala jiru ibsa Tajaajila Oduu Giddugaleessa Kooriyaa seeraa Dilbata kaleessa kennaniin dubbataniiru.
“Kun ibsa dogoggoraa ykn of eeggannoo malee dubbachuu osoo hin taane, hawwii Jaappaan yeroo dheeraaf meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf qabdu ifatti kan calaqqisiisudha,” jedhan qondaalli Kooriyaa Kaabaa maqaan isaanii hin ibsamne kun.
Qondaalli kun itti dabaluun Jaappaan meeshaa niwukilaraa yoo argatte, “Biyyoonni Eeshiyaa balaa niwukilaraa suukaneessaan akka isaan mudatu fi ilma namaa balaa guddaatu mudata” jedheera.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Unis, Piyoongiyaang meeshaa waraanaa niwukilaraa ishee akka qabattu yoo hayyamame, Waashingitan waliin mari’achuuf banaa ta’uu dubbachuu AFPn gabaaseera.








