ONM-ABO Muddee 23, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaalee kanneen akka Guutoo Giddaa, magaalaa Ukkee, Saasiggaa fi Diggaa keessatti tibba darbe jechuun Muddee 19, 2025 irraa eegaluun waraanni murna maafiyaa PP hidhaa fi dararaa uummatatti hammeessanii jiraachuu jiraattonni aanaalee kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni aanaalee kanneenii jedhanitti, addatti dargaggoota irratti xiyyeeffachuun adamsanii ukkaamsuun gara mana dararaa isaaniitti guuraa jiraachuu fi daandii gubbaatti kanneen argan mara doorsisuun cinatti reebicha ulfaataa qaama laalessuun dararaa jiraachuu dubbatu.
“Dargaggoota qaroo Oromoo fi Oromiyaa ta’an dhabamsiisuu akka tooftaa siyaasaa fi riqicha ce’umsa umrii aangoo isaaniitti kanneen lakkaa’an burjaajjessitoonni sirna bututaa Bilxiginnaa har’a isaanii qofa ilaaluu irratti xiyyeeffachuun egereen uummata Oromoo dachee isaa irraa duguugamee dhumuu akka ta’u irratti hojjachaa jiraachuu isaaniif hojiin isaanii ragaadha”kan jedhan jiraattonni shira mul’ataa fi dhokataa murna kanaan kallattiinis ta’u al-kallattiin miidhama jabaa keessa jirra jechuudhaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf dabaluun addeessanii jiru.
Waraanni murna gabroomfataa Bilxiginnaa, dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf jiraatan ergamtoonni garaa isaaniif jecha uummata keessaa dhalatan irratti gocha hammeenyummaa shaakalan Oromiyaa mara keessa bobbaafamuun ilmaan Oromoo nagaa dhorkaa turuu fi jiraachuun isaanii dhugaa tasa hin haalamnedha.


