• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Booranaa bulchiinsa magaalaa Yaaballootti maqaa ilaalcha dhaaba WBO qabduun namoonni danuun hidhamaa jiraachuun dhaga’ame 

Dec 23, 2025

ONM-ABO Muddee 23, 2025 

Godina Booranaa magaalaa Yaaballootti siyaasaa dawoo godhachuun loltoonni faashistii Bilxiginnaa kan duraa irra bifa addaan tibbana qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo manneen hidhaatti guuruun gidirsaa akka jiran odeessi Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Akka jiraataan tokko haala nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin eeramne fedhu yaada isaa nuuf qoode ibsutti, bulchiinsa magaalaa Yaaballootti namoonni danuun kanneen hojiif kutaalee Oromiyaa irraa garas deeman dabalatee qunnamtii Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu shakkii jedhuun qabamanii baatii kaasee hanga waggoottan lamaa fi isaa olitti hidhamaa jiru jechuun dubbata.

Bifuma kanaanis; Weellisaa Gadaa Abduuba Kotee jedhamu kan barnoota Koollejjii Horsiisee Bulaa muummee Fayyaa Beelladaa barachaa jiruu fi  barsiisaa Guyyoo Kaanaa Hoolataa jedhamu qabuun hidhanii gidirsaa akka jiran itti dabaluun ifoomseera.

Barsiisaa Guyyoon muummee Jiyoogiraafiin dhaloota qaraa kan ture oggaa ta’u, murnuma Bilxiginnaan kanaan duras shakkii ilaalcha qaama hidhatee nuun lolaa jiruu qabda jedhanii hojii barsiisummaa irraa ari’anii akka turaniiru. Amma ammoo yakka malees hidhaatti darbatanii miidhaa qorqalbii irraan gahaa akka jiranis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading