ONM-ABO Muddee 23, 2025
Seeraa fi heera hojjettootaa maqsuun namootni gosa baratan irratti hojjachuu dadhabuu fi dhiisanii doorsifama sirnichaa sodaachuun hojjettoonni fayyaa Muddee 17, 2025 irraa kaasee baadiyaa mara keessa deemuun uummata irraa kaffaltii kan akka, Buusaa Gonofaa, Inshuuransii Fayyaa fi kanneen biroo akka funaananiif ajaja qaama isaanii olii irraa itti kennamee akka jiru maddeen keenya gamasii ONM’f eeranii jiru.
Akka Oggeessotni Fayyaa jedhanitti, namni dhimma kana kaabinee waliin walii galee kana nu gochaa jiru, dura ta’aa ogganaa fayyaa dhaabbatichaa akka ta’e kan dubbatan yoo ta’u, hojjettoonni immoo nuyi dhimma akkasii barannee hin jirru, dhaquus hin dhandeenyu jechuun kan morman yoo ta’u, warra yaada akkasii kaasaan reebicha humnaa olii irratti geggeessuun miidhaa qaamaaf saaxilanii jiru.
Abiy Ahimad ilaalcha dhugaa dhala namaa dabsee sabicha lafarraa balleessuuf qophii jiru xumuree deggertoota isaaf fakkaattota isaa naannoo irra bobbaasuun jiruu fi jireenya dhala namaa gaddaa fi gadadoon dararaa jira jechuun namootni dubbisne himanii jiru.
Kanaan duras dhiibbaan hojjettoota fayyaa achi irraatti geggeeffamaa tureef namootni baay’een miidhaman haga har’aatti fayyaa guutuu kan hin arganne yoo ta’u, har’as bifa jijjiirratee oggeesota fayyaa akka godina Horroo Guduruu cufa keessa jiran jireenyaaf abdii kutachiisaa jira jedhu maddeen.
Akeekni isaa harkatti wal rukutuun waanuma arge borcee jireenya hawaasaa duguugee balleessee ofii aangoo isaa dheeraffachuuf ilmaan abbaa tokko kutaa fi lagaan qoqqoodee dhiiga ilmaan Oromoon akka aangoo dheereffatuuf hojjachaa jiraachuun sirna kanaa haqa hin haalamnedha.

