• Wed. Nov 25th, 2026

Miseensotni waraana Bilxiginnaa lama aanaa Mana Sibuu keessatti WBO’tti harka kennatan 

Dec 23, 2025

ONM-ABO Muddee 23, 2025 

Miseensotni waraana Bilxiginnaa lama godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii irraa qawwee fi hidhannoo isaanii qabatanii mooraa PP ganuun WBO onichatti harka kennatan.

Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen qawwee AKM Turkii 2, rasaasa 358 fi Boombii f1, 2 qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira nagaan gahanii jiru. 

Ijaarsa jal’inaan dabaalame impaayera Itoophiyaa ittiin tiksuuf jecha yeroo garaagaraatti sabaa fi sab-lammoota impaayerattii humnaan qabee mooraa leenjiitti guuruun leenjii waraanaa fudhachiisee bobbaasaa kan jiru murni Bilxiginnaa, loltootni fedha isaaniin ala dirqamaan leenjifaman kunneenis tika barcuma nam-tokkeef lubbuu isaanii dhabuu mormuun mooraa Bilxiginnaa ganaa jiru.

Loltootni kunneen mooraa Bilxiginnaa keessatti rakkoowwan garaagaraa kan mul’atu ta’uu himuun keessattuu dhimma ulaa galaana diimaan walqabatee yaaddoo guddaan caasaalee Bilxiginnaa raasaa kan jiru yoo ta’u, gama biraatiin immoo miseensota waraanaa sabaan Oromoo ta’an irratti shakkiin Waraana Bilisummaa Oromoo quunnamtu jedhu jiraachuu bira darbee hidhaa fi ajjeechaan irratti geggeeffamaa jiraachuus ibsaniiru. 

Lameenuu sabaan Oromoo fi Oromiyaa godinaalee garaagaraa irraa kaadiroota faashistii Bilxiginnaan humnaan qabamanii leenjifamuun akka bobbaafaman kan himan yoo ta’u, hanga turtii Bilxiginnaaf tajaajilaa turan keessattis akkaataa seeraa fi naamusni waraanummaa irraa calaqqisuun osoo hin taane fedhii siyaasa Bilxigginnaa eeguuf jecha miidhaawwan namoomaa hedduu raawwachaa turuus ibsaniiru. 

Xumura irrattis warreen mooraa waraanaa sirnichaa keessatti hafaniin uummata nagaa teessoo Abiy Ahimed tiksuuf jecha lubbuu balleessuu dhiisaa ofii keessaniifis lubbuu takkittii qabdaniin seenaa gaarii saba keessaniif hojjadhaa nuti simannaa ho’aa WBOn nuf taasiseen jaalalli obollumma eessa akka jiru jechaan qofa osoo hin taane qabatamatti nuuf taasifamee jira jechuun dhaamsa dabarsaniiruuf.

Leave a Reply