ONM-ABO Muddee 24, 2025
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti murni faashistii Bilxiginnaa qonnaan bultoonni aanichaa martinuu konkolaataa tiraakterii bitachuu baannaan hojii qonnaa irratti akka hin hirmaanneef kaadiroota isaaniitiin akeekkachiisni itti gadi buufamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Yeroo itti qaala’insi jireenyaa jabaachuun qonnaan bulaan sangoota ittiin qonna qotan bitachuun itti ulfaatee jirutti murni badiin jireenya uummataaf yaaduu irra sadoo dhuunfaa isaanii fi bu’aa siyaasaa argamsiisuuf dhama’an ajandaa ittiin guyyuu qe’ee sabichaa goolu gadi buusuun uummata yaaddeessuu aadeeffatan kunneen daranuu uummanni hojii qonnaa irraa akka abdii kutatuufis shira xaxaa jiru jechuunis jiraattonni onichaa miira gaddaan dubbatu.
Qonnaan bultoonni aanichaa sodaa guyyuu loltoonni faashistii Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n qe’ee isaanii keessa deemuun nageenya sabichaa booreessaa jiraniif hojiitti bahee hojjetachuun yeroo itti cimee jirutti ajandaan haaraan kun ammoo itti yaadamee badiisa sabichaaf akka gadi bu’es yaaddoo qaban ibsatanii jiru.
Dhiibbaa kaadiroonni Bilxiginnaa nurraan gahaa jiran kun hin dhaabbatu taanaan, nuti qarshii ittiin konkolaataa kana bitannus hin qabnu, abdiin jireenya keenyaas nutti dukkanaa’eera jechuun haala keessa jiranis miiraa yaaddootiin himaniiru.




