• Tue. Nov 24th, 2026

Humni bittaa qarshii Impaayera Itoophiyaa addunyaarraa dadhabaa ta’uun Sadarkaa Sadaffaa irratti galmaa’e

Dec 24, 2025

ONM-ABO Muddee 24, 2025 

Qarshiin Impaayera Itoophiyaa gulantaa humna bittaatiin addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra akka jiru Biluumbargi gabaase. Kunis sababa jijjiirraa imaammata sharafaafi carraaqqii fooyya’ina kaffaltii liqaa kan biyyattiirra jiruun kan wal qabatu ta’uu gabaasichi ibseera.

Akka gabaasichaatti, Qarshiin Itoophiyaa bara kana doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu humni bittaa isaa dhibbeentaa 15 oliin kufeera. Kanaanis qarshiin bara 2025 kana qarshiiwwan addunyaarraa akkaan humna bittaa dadhabaa qaban keessaa tokko ta’ee jira.

Murni Biltsiginnaa mariin abbootii liqaa dhuunfaa waliin akka yeroo liqaa dheerassaniif jecha gaggeessaa ture hanga ammaatti furmaata hin arganne.

Addatti, immoo mariin kaffaltii liqaa alaatiif abbootii qabeenyaa waliin taassifameen doolaara biiliyoona 1, kan biyyattiin bara 2023 kaffaluu dhabuun kufaatii keessa seente, baatii Waxabajjii keessa waliigaltee malee cufameera.

Akka gabaasa ‘Bloomberg’ tti, Yoo adeemsi liqaa amma duraa bara 2023, guutummaan guutuutti murni faashistii Biltsiginnaa fudhate xumurame,  dinagdee biyyattii fi amantaa investerootaa irratti jajjabina tokko kennuu danda’a jedhe.

‘Addis Standard’ gabaasa Onkoloolessa 2025 ragaa ‘XS.com’ wabeeffachuun baaseen, qarshiin Itoophiyaa bara 2025’tti maallaqa Afrikaa keessatti humni bittaa dadhabaa qaban keessaa sadarkaa tokkoffaa irra akka jiru gabaaseera. Kunis dhiibbaa dinagdee itti fufiinsa qabu, qaala’iinsa jireenyaa ol’aanaa, tasgabbii dhabuu siyaasaa, fi hanqina sharafa alaa waliin walqabatee akka jiru agarsiisa.

Akka gabaasa XS.com Onkoloolessa 7, 2025 baasetti, qarshiin Itoophiyaa bara kana maallaqa Afrikaa dadhabaa afran keessaa tokko ta’ee, Seeraaliyoon Liyoon (SLE), Firaank Giinii (GNF), fi Paawundii Sudaan (SDG) qofa caaluun sardarkaa dadhabaa qabatee jiraachuu agarsiisa.

Gatiin doolaara Ameerikaa jalqaba Onkoloolessaa irraa eegalee doolaara tokkoof tilmaamaan qarshii 145 ‘tti, yookaan qarshii tokkoof doolaara Ameerikaa 0.0068 ‘tti tilmaamameera.

Leave a Reply