ONM-ABO Muddee 25, 2025
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda 02 keessatti gaafa Mudde 21, 2025 waraanni faashistii PP sababa hariiroo waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun abbaa ijoollee 3 kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Haayiluu Tasfaayee jedhamu mana isaatti ol itti seenuun badii tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesuun dhaga’ameera.
Yeruma walfakkaataatti haadha warraa isaa maqaan isaanii Aadde Geexee Dheeressaa jedhamtus rasaasaan rukutanii madeessuun yeroo ammaa hospitaalaa magaalaa Shaambuu keessatti yaalamaa jiraachuu fi fayyummaan ishee haala baay’ee yaaddessaa irra jiraachuu jiraattonni eeraniiru.
Gareen ilaalcha isaanii jijjiirrachuu irra uummata Oromoo eenyummaan hadheeffatanii gochaa uummanni keessaa hin qabneen ajjeesuu aadeeffatan maatii tuttuqqaa siyaasaa keessaa hin qabnes Oromummaa qofaan yakkanii ajjeesuun daran sirni Bilxiginnaa naatoo ilma namaaf akka hin qabnes agarsiisa jechuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

