OONM-ABO Muddee 25, 2025
Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee jedhamu keessatti waraanni murna maafiyaa PP sansakkaa namummaa fi naamusa waraanummaa hin qabne qawwee hidhatanii deemanitti maayii ba’uun gaafa Muddee 19, 2025 namooota walitti qabanii, yaada qopheeffatanii dhaqan erga dhiyyeessaniifiin booda namoota yaada isaanii kana morman reebicha qaama laalessu irratti raawwachaa turuu jiraattonni himan.
Akka jiraattotni yaada isaanii ONMf ibsan jedhanitti, sababni isaan walitti nu qabaniif “nu waliin WBO adamsitu, nu waliin biyya eegdu” jechuun kan mariisisaa turan ta’uu himuun, nuti ammoo qaama meeshaa hidhatee jiru harka duwwaa adamsuuf eeguu hin dandeenyu oggaa jennuun “isin durumayyuu ergama biraa of keessaa qabdu” jechuun miidhaa akkaan jabaa ta’e irratti raawwatan jechuun dubbatu.
Bilxiginnaan afaaniin miidiyaan nagaa faarsaa oolanis gochi isaan guyyuu uummata irratti raawwatan faallaa ta’ee argamaa akka jiru dhugaa mul’atuudha.
Abiy Ahimad uummata Oromoo biratti fudhatamummaa dhabuu isaa amanee ergamtoota isaa qe’ee hawaasaa keessa bobbaasuun jireenya dhala namaa gidiraa hamtuuf saaxilee jira.

