• Mon. May 4th, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaalee garaagaraa keessaatti waraanni murna Bilxiginnaa fi kaadiroonni sirnichaa “waraqaa eenyummeessaa ‘Digital ID’ namni hin qabne tajaajila argachuu hin danda’u” jechuun uummata rakkisaa jiraachuun dhaga’ame

Dec 26, 2025

ONM-ABO Muddee 26, 2025 

Murni Bilxiginnaa, sagantaa siyaasaa adda addaa bocee baafachuunii fi ittiin saamicha daangaa darbe geggeessaa kan jiru yoo ta’u, haaluma kanaan godina Baalee Lixaa aanaalee mara keessatti “namni waraqaa eenyummeessaa ‘Digital ID’ hin qabne tajaajila hawaasaa argachuu hin danda’u” jechuun hawaasni doorsisa hamaa fi rakkoof saaxilamanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Mataan gabroomfattootaa koloneal Abiy Ahmed siyaasa isaa tolfatee saamicha geggeessuuf ergamtoota isaa bobbaasuun, aanaalee hedduu keessatti jiraattota wal ga’ii baasuun, “filannootti adeemaa jirra waan ta’eef yeroo jedhame keessatti waraqaa eenyummeessaa kana hin xumurtan yoo ta’e tajaajilli isin argattan hin jiru” jechuun jiraattotatti dhaadachaa turuu isaanii ibsanii jiru.

Akkasumas barattoota sadarkaa gadii irraa hanga ol’aanaatti dirqamsiisuun akka isaan baafatan gochuun, barattoota qormaata ministry fi biyyoolessaaf qopha’aa jiraniin ammoo ‘Digital ID’ yoo hin bafanne qormaata qoramuu hin dandeessan jechuun dirqamsiisuu fi sodaachisaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru. 

Akka jiraattonni godinichaa jedhanitti, mana yaalaa yoo deemnu ‘Digital ID’ nu gaafachaa jiru, mana baankii keessattillee gaafatamaa jirra, yoo hin qabnu jenne ni arrabsamna, akkamitti akka jirannu wallaallee jirra, kan afaan qawween nu saamaan xiqqaannaan siyaasa adda addaatiin qe’ee keenya golgoleessuuf Abiy Ahmed kutatee ka’eera, qabeenyaa keenya nu saamuuf halkanii fi guyyaa osoo hin boqonne karoora baafataa jira jechuun egeree isaaniif yaaddoo guddaa akka qaban jiraattonni dubbisne kunneen dubbataniru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading