ONM-ABO Muddee 26, 2025
Ameerikaan kaaba dhiha Naayijeeriyaa keessatti loltoota ISIL (ISIS) irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ibsan.
“Halkan kana, kallattii ani akka Ajajaa Olaanaatti, Ameerikaan Kaaba Dhiha Naayijeeriyaa keessatti shororkeessaa ISIS irratti haleellaa cimaa raawwanne,” jechuun Tiraamp Kamisa galgala waltajjii isaanii Truth Social irratti barreeffama isaaniin dubbataniiru.
Tiraamp loltoonni ISIL “addatti, Kiristaanota, sadarkaa waggoota dheeraaf, Jaarraa hedduudhaaf illee hin mul’anneen” “xiyyeeffatanii fi hammeenyaan” ajjeesaniiru jedhan.
“Ani kanaan dura shororkeessitoota kanaan yoo qalamuu Kiristaanotaa hin dhaabne gatii guddaa kaffaluun akka jiraatu akeekkachiiseen ture, galgala kanas, ni jira,” jedhan Tiraamp.
Afriikaa keessatti hojiiwwan hojjetamuuf itti gaafatamummaa kan qabu Ajajni Afrikaa waraana Ameerikaa (AFRICOM) maxxansa X irratti baaseen haleellaan qilleensaa kun “gaaffii aanga’oota Naayijeeriyaatiin” kan raawwatamee fi “shororkeessitoota ISIS hedduu” ajjeesuu isaa ibseera.
“Deggarsa fi tumsa mootummaa Naayijeeriyaa nin galateeffadha,” jechuun Ministirri Ittisaa Ameerikaa Pete Hegset miidiyaa hawaasaa irratti barreessuun akkasumas “haleellaan biroon itti aanee akka dhufu” akeekkachiisan, osoo bal’inaan hin ibsine.
Ibsa AFRICOM kenneen, haleellaan qilleensaa kun “naannoo bulchiinsa Sobootoo” keessatti akka ta’e ibseera. Tarkaanfiin waraanaa Ameerikaa kun kan fudhatame erga Tiraamp Peentaagoon Naayijeeriyaa keessatti tarkaanfii waraanaa fudhatamuu danda’uuf karoorfachuu akka jalqabu ajajeen booda.

