• Mon. May 25th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Sigimoo keessatti waraanni gabroomfataa PP maqaa kaffaltii garaagaraatiin uummata saamaa jiraachuun ifoome 

Dec 27, 2025

ONM-ABO Muddee 27, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Sigimoo gandoota mara keessatti uummanni Oromoo sababa waraana murna maafiyaa PP’f ba’ee galuu fi oolee buluuf abdii jireenyaa dhabuun yaaddoo hamaa keessa kan jiru yoo ta’u, tibbana ammoo maqaa kaffaltii adda addaatiin saamichi nurratti geggeeffamu daran hammaatee jira, waan salphaatti himamee dhumu miti guyyaa irraa gara guyyaatti nutti wal jijjiiruun saamicha daangaa darbeen akkaataa jireenyaa nu dhabsiisaa jiru jechuun jirattoonni gandoota aanichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattonni onichaa jedhanitti, caasaaleen murna Bilxiginnaa, naga’ee seeraa tokko maleee fi kaffaltii daangaa hin qabneen qe’ee keenya irratti jireenya keenya golgoleessaa jiru jechuun dabaluun dubbatu.

Koloneel Abiy Ahmed caasaalee isaa gubbaa hanga gadiitti jiran diriirsuun karaalee garaagaraa fi tooftaa adda addaatti dhimma bahuun, maqaa kanneen akka buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, waraqaa miseensummaa fi kanneen biroo hedduun saamaa jiru. Kun hundumtuu hawaasichaaf bu’a qabeessa osoo hin taane qaala’insa jireenyaa kana keessatti balaa hammaataadhaaf akka saaxilamnu taanee jirra “jechuun jiraattonni dabaluun addeessanii jiru.

Duulli Bilxiginnaan saamicha qabeenyaa irratti bobba’uun geggeessaa jiru kun, karaa seera qabeessaan osoo hin taane hawaasicha dadhabsiisuu fi bittaa kolonii isaaniif jilbeenfachiisuuf afaan qawween uummata Oromoo goleewwan cufa keessatti dararaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading