• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu keessatti waraanni Bilxiginnaa reeffa namoota du’anii dirqamaan buqqisiisuun dhaga’ame

Dec 28, 2025

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Iluu ganda Dohaa Disee jedhamu keessatti kaleessa Muddee 27, 2025 waraanni goolessaan murna Bilxiginnaa mana amantaa gandicha keessatti argamu kan Bataskaana Ortodoksii jedhamu keessaa uummata gandichaa cufa walitti qabuun reeffa namoota du’anii waggoota dheeraaf turanii dirqamaan buqqisiisuun uummanni gandichaas foolii reeffaa buqqisan kanaan hedduun dhibeef saaxilamuun kanneen mana yaalaa  dhaqanis jiraachuu maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf  ifoomsaniiru.

Waraanni PP gochaa kana raawwatan aanaa Tolee magaalaa Kusaayee keessaa kan bobbaafaman yoo ta’u, tarkaanfii gootichi abdiin saba bal’aa WBO’n naannichaa magaalaa Walwalitti fudhatee hedduu du’aa fi madoon adabeef jecha reeffa isaanii illee kaafachuu dadhabuun bakkeetti soora bineensaa waan ta’eef akkamiin reeffa miseensota keenyaa bakkeetti bineensa nyaachiftan koottaa reeffa maatiiwwan keessanii buqqisaa bineensi haa nyaatuu jechuun tarkaanfii WBO dadhabuun haaloo uummata harka duwwaatti roorrisuu amaleefatan raawwataniiru.

Namoota dirqamaan gocha fokkisaa isaanii kana raawwachuu didan hedduu reebuun gara mana hiraarsaatti darbachuunis beekamee jira.

Sadarkaan waraanni Bilxiginnaa keessatti argamu uummata harka duwwaatti roorrisuu malee lola keessatti abdii dhabuu irraan kan ka’e hoggantoonni sadarkaa gadii hanga oliitti jiran dadhabina isaanii dhoksuuf yaalanis miseensonni waraanaa gochawwan suukanneessoo uummata harka duwwaa irratti raawwatamu kanneen aantummaan saba isaanii itti dhaga’amu mooraa cubbamaa Bilxiginnaa keessaa bahuun meeshaa guutuu waliin WBO’tti dabalamas jiru.

Leave a Reply