• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii keessatti waraanni murna PP uummata nagaa qabanii hidhaa jiraachuun ibsame 

Dec 28, 2025

ONM-ABO Muddee 28, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Liiban Jaawwii ganda Kilfoo jedhamu keessatti loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa olaantummaa murna tokkoo qofa cimsuuf ijaafan, hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda hin fudhanne dirqiin ukkaamsanii hidhaatti guuraa akka jiran dhaga’ameera.

Bifuma kanaanis namoonni qabamuun mana hidhaa jiran kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Obbo Taammanaa Nagaasaa fi 
  2. Aadde Tolashii Bultum 

kanneen jedhaman loltoonni abbaa irree PP kanneen olaantummaa sirna Bilxiginnaa jabeessuuf reebicha jabaa irraan gahuun akka hidhan ibsameera.

Kana malees onichatti namoota danuun Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun qabamanii hidhamuu, qabeenyi saamamuu, jumlaan guuramuun dirree waraanaatti ergamuu fi rakkoo hammaataaf saaxilamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply