ONM-ABO Muddee 29, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Bishee Ededaa jedhamu irraa caasaaleen Bilxiginnaa maqaa abbaa warraa keessantu nu waliin ta’ee WBO’tti duuluu didee manaa nu baqate jedhuun torbee kana keessa qofaa haadholii lakkoofsaan 23 ol ta’an ukkaamsanii qabuun aanaa Daawaa Caffaatti hidhuu jiraattotni ganda Bishee Ededaa ONM’f gabaasan.
Haadholii gara jabeeyyii murna gabroomfataa Bilxiginnaan maqaa abbaa warraa keessantu qaama nageenyaa keenyaa waliin ta’uun WBO loluu diddaaf nu dheessanii baqatan, isin ammoo dafaatii abbaa warraa keessan fidaa jedhamuun jumlaan ukkaamfamanii hidhaatti darbataman kanneen keessatti, haadhi ulfaa fi daa’ima xixiqqoo qaban kan argaman oggaa ta’u, haadholiin kunis dararaa fi doorsisa mana hidhichaa keessatti maqaa abbaa warraa keessan fidaa jedhuun irratti raawwatamaa jiruun yeroo ammaa haala yaaddessaa keessa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattotni onichaa dabaluun dubbatanitti, akkuma aanicha walii galaatti lukkeeleen Bilxiginnaa kun Muddee 28, 2024 irraa eegaluun hanga yeroo ammaa kanatti fedhii fi kaka’umsa hawaasaa tokko malee uummata dirqiin ukkaamsanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nu waliin taatanii loltu jedhuun lola isaan hin ilaallannetti hawaasa dirqiin hirmaachisaa turuu ibsuun, warroota lola nu hin ilaallannetti hin hirmaannu jedhanii manaaf maatii isaanii dhiisuun jalaa dheessan ammoo haadha manaa isaanii ukkaamsanii hidhuun gochawwan dabaa irratti raawwachaa jiraachuu dubbatu.
Murni bara gara aangoo impaayerattiitti dhufu “kana booda sareen Oromoo iyyuu hin duutu”jechuun amanamummaa hawaasa biraa argachuuf jecha sobee dubbachaa ture Bilxiginnaan,osoo oolee hin bubbulin haadha Oromoo dubartii ulfaa kan ajjeese yoo ta’u, har’as haadha goototaa ajjeesuu, reebuu, mana irratti gubuu, qe’eerraa buqqisuu, jumlaan hidhuu fi doorsisuun waaroo salphinaa qe’ee saba ulfoo uummata Oromoo maraatti uwwisee jiraachuun ni beekama.

