• Wed. May 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruutti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhuu hammeessanii jiraachuun beekame

Dec 31, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Reef-Tokko – Taanee jedhamu keessatti Muddee 28, 2025 waraanni murna Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Jirraa Daffaar jedhamu abbaa ilmaan torbaa kan ta’e badii tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti Obbo Jiraan abbaa ijoollee torbaa hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaa jiraachifatu yoo ta’u, waraanni PP garuu maqaa sobaa itti moggaasuun yakkanii hidhuun hiraarsaa jiraachuu itti dabaluun dubbatu.

Murni Bilxiginnaa dabaa fi cubbuun guutamuun uummata nagaa irratti yakkoota garaagaraa raawwachuun qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti waraana isaa itti bobbaasee goolaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading