• Sat. Sep 19th, 2026

Godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa dabalatee bakkeewwan garaagaraatti barattootni mana barumsaa jijjigaa ta’ee fi teessoo dhagaa irra taa’anii barachaa jiraachuun barsiisotaa fi barattoota barnoota irraa akka abdii dhaban taasisuu ONM’tti himan

Dec 31, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Manni barumsaa jijjigaa ta’ee fi kan barattootni baay’inaan dhagaa irra taa’uun barachaa jiran viidiyoon armaan gadii agarsiisu kun godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessatti kan argamu yoo ta’u, mana barumsaa sadarkaa 1ffaa  Harooyyee jedhama, manni barumsaa sadarkaa 1ffaa Harooyyee kun akka lakkoofsa impaayeerattiitti bara 1997  hundeeffamee tajaajila kennaa kan ture ta’us yeroo ammaa ammoo barattootni mana jijjigaa fi teessoo dhagaa irra ta’anii barachaa jiraachuun hamilee barnootaaf qaban akkaan gadi bu’uu dubbatu.

Akka barattootni dubbisne himanitti, manni barumsaa aanaa Daawaa Caffaatti argamu sadarkaa 1ffaa Harooyyee jedhamu kun haaromsa dhabuu irraan kan ka’e garmalee jijjigee jira, kana malees mana barumsichaa kana keessa akkuma walii galaatti teessoon barattootaa 30 qofaa taatu kan argamu oggaa ta’u, barattootni %75 ol ammoo dhagaa irra taa’anii barachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Itti dabaluunis barattootni kun akka jedhanitti, qaamni dhimmi ilaallatu haala nuti ittiin barachaa otoo beekuu, adeemsi baruu fi barsiisuu akka gufatuuf callisee nu ilaaluun kan dhagaa irra teenyee barachaa jirru caalaa nu gaddisiiseera jedhu, barsiisoonni bakkichaa dubbisnes yeroo barattootni haala kanaan dhagaa irra taa’anii baratan nuti haamilee ittiin dura dhaabbannee barsiisnu dhabaa jirra, hatattamaan rakkoon kun nuuf haa furamu jechuun dubbataniiru.

Dabalataan godina Wallootti iddoon barattootni mana barumsaa jijjigaa fi kan teessoo barattootaa ga’aa hin qabne dhagaarra taa’uun barachaa jiran baadiyaa aanaa Baatee, aanaa Harxummaa Fursee fi aanaa Jiille Dhummuuggaatti barattootni abdii boruu hanqinoota manneen barnootichaan haala rakkisaa dubbachuuf illee namatti hin tolle, kan hamilee barattootaa, barsiisotaa fi hawaasaa tuqu keessatti kan argaman ta’uu barsiisotaa fi barattootni dubbisne miira gaddaan dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading