• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Harargee aanaa Hancaaar keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa 14 gubanii barbadeessan

Dec 31, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Hancaar araddaa 24 bakka addaa Baraartii fi Goobaa jedhamu keessatti dheengadda Muddee 29, 2025 waraanni faashistii PP maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’anii manneen qonnaan bultootaa baay’inaan 14 ta’u gubanii mancaasuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Namoonni manneen jireenyaa jalaa gubatee barbadaa’e keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe muraasni:

1. Obbo Mahaammad Aadam,

2. Obbo Qaasim Mahaammad,

3. Obbo Kadiroo Haloo,

4. Obbo Abdullaahii Kadir,

5. Obbo Aliyyii Aadam,

6. Obbo Jamaal Guutoo,

7. Obbo Aadam Jamaal,

8. Obbo Siraaj Jamaal,

9. Obbo Mahaammad Muusaa,

10. Obbo Hiisaa Wadaayi,

11. Obbo Siraaj Aammadoo,

12. Obbo Ibiroo Wadaayi,

13. Obbo Umar Mahaammad fi

14. Obbo Jamaal Amadee kanneen jedhaman qonnaan bultoota sababa tokko malee manni isaanii jalaa gubate ta’uun ifoomeera. 

Manneen namoota kanneenii keessatti midhaan nyaataa bara kana oomishatan dabalatee qabeenya danuun jalaa kan mancaafame yoo ta’u, namoonni kunneen yeroo ammaa kana dawoo jireenyaa dhabuun daa’immanii fi miseensota maatii maanguddoota dadhaboo waliin gaaddisa mukaa jalatti halkan qorraa fi guyyaa aduun waxalamaa jiraachuu jiraattonni gamasii dubbisne addeessaniiru. 

Akka jiraattonni araddichaa eeranitti namootni manaa fi qabeenyi isaanii loltoota maafiyaa kanneeniin jalaa barbadaa’e kunneen namoota hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu keessaa harka hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun jireenya isaanii geggeeffachuu irratti argaman ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading