• Wed. Nov 25th, 2026

Somaalotni Israa’el Somaalilaandiif beekamtii kennuu ishee mormuun hiriira ba’an 

Dec 31, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2025 

Israa’el naannoo Somaalilaandii addaan baate kanaaf beekamtii idilee addunyaa irratti kennuu ishee hordofuun mormiin Soomaaliyaa keessatti kan yoo ta’u, hiriirtonni Mogadishoo dabalatee magaalota hedduu keessatti daandii irratti ba’aniiru

Kibxata ganama, bakka istaadiyeemii kubbaa miilaa guddaa Mogaadishoo fi naannoo buufata xiyyaaraa magaalattii dabalatee walitti qabamuun mormitoonni alaabaa Somaaliyaa harka isaaniin raasaa dhaadannoowwan tokkummaa biyyaalessaaf waamicha dhiyeessan.

Hiriirri kun Baayidowaa, Dhusamareb, Las Anod, Hobyo fi Somalia’s Northeaster Naannoo Kaaba Baha Soomaaliyaa keessatti kan geggeeffameera. 

Somaaliyaa fi Turkiin hariiroo siyaasaa fi nageenyaa walitti dhiyeenyaa kan qaban yoo ta’u, Ankaaraan ji’oota darban keessa dorgomaa naannoo Israa’el ta’uun baateetti.

Hiriirri ixixiqqoo magaalaa Somaalilaandi Lixa keessatti argamu Borama keessatti bakka ummanni Somaaliyaa irraa adda ba’uu irratti mormii qaban mormii ibsuuf ba’aniiru.

Somaalilaandi bara 1991 waraana biyya keessaa hordofuun walabummaa gama tokkoon labsite, garuu maallaqa, paaspoortii fi waraana mataa ishee qabaattus  hanga Israa’el irraa dhiyeenya argattutti beekamtii idil-addunyaa argachuu hin dandeenye.

Leave a Reply