• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti bulchitoota sirnichaan hidhaa fi doorsisni ulfaataan qonnaan bultoota irratti raawwatamu hammaachuu jiraattotni himan

Jan 2, 2026

ONM-ABO Amajjii 2, 2026 

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa ganda Sadeen Makkannaa Jaarraa Waataa jedhamutti torbee darbe keessa sababa halkan waraabessi loon jiraattotaa danuu nyaateen hawaasni gandichaa loon isaanii irraa buufachuu fi walitti birmachuuf wayita qawwee dhukaasanii loon isaanii bineensa irraa buufatan, bulchaan ganda Sadeen Makkannaa Obbo Muhaammed Kichaa jedhamu qawwee maaliif dhukaastu ittiin jechuun namoota 10 ol hidhuun ibsame.

Qonnaan bultootaa fi tikfattoonni ganda Jaarraa Waataa irraa maqaa waraabessatti qawwee dhukaaftan jedhuun reebamaa hidhaatti darbatamuun torbanii oliif hiraarfamaa jiran kunneenis maqaan isaanii:

  1. Usmaan Mahaammad Usmaan,
  2. Hasan Hamzaa,
  3. Adam Guchii Yadalii,
  4. Huseen Aliyyi Umar,
  5. Hasan Faqii,
  6. Usee Aliyyi Usee,
  7. Adam Ahimed Guddaa,
  8. Aliyyii Umar Ahimed, 
  9. Afroo Mahaammad Muusalii fi 
  10. Adamoo namoota jedhaman ta’uu jiraattotni onichaa dubbisne ifoomsaniiru. 

Namoonni nagaan sababa ga’aa hin taaneen bulchaa Bilxiginnaa gandichaan hidhaatti darbatamuun dararamaa jiran kun torbee tokkoo oliif mana hidhichaa keessatti gidirfamaa kan jiran yoo ta’u, sababa loon keenya irraa bineensa buufanneef yakkamaa taanee hidhamnaa jedhanii gaaffii gaafatanis deebiin kan hin jirre ta’uu namoonni dhimmicha itti siqeenyaan hordofaa jiran himuun, warroota hidhaman kana keessatti Komaanderri gandichaa Afroo Mahaammad Muusalii jedhamu akka argamu ibsuun, innis sababa hawaasni baga waliif birmatee loon isaa bineensarraa buufate uummanni sirrii godhe jedhe qofaaf walumaan hidhamuu maddeen bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply