• Wed. Nov 25th, 2026

Tiraamp Ameerikaan Giriinlaandii ‘karaa tokkoon ykn karaa biraatiin’ akka fudhattu dubbatan

Jan 13, 2026

ONM-ABO Amajjii 13, 2026 

Prezidaant Doonaald Tiraamp Dilbata darbe Ameerikaan Giriinlaandii “karaa tokkoon ykn karaa biraatiin” akka fudhattu kan dubbatan yoo ta’u, yoo Waashingitan tarkaanfii hin fudhanne Raashiyaa fi Chaayinaan “kan akka fudhatan” akeekkachiisaniiru.

Traamp sochiin waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa Arktiik keessatti dabalaa dhufuu isaa ilaalcha keessa galchuun naannoo Deenmaark albuudaan badhaadhe to’achuun nageenya biyyaalessaa Ameerikaatif murteessaadha jedhu.

“Yoo Giriinlaandiin hin fudhanne, Raashiyaan ykn Chaayinaan ni fudhatu, ani immoo akkas ta’u hin hayyamu,” jechuun Tiraamp xiyyaara Air Force One irra taa’anii gaazexeessitootaaf ibsa kennan.

Tiraamp naannoo ofiin of bulchu Deenmaark waliin waliigaltee uumuuf banaa ta’uu dubbataniiru “garuu karaa tokkoon ykn karaa biraatiin, Giriinlaandi qabaachuuf jirra” jedhe.

Deenmaark fi michoonni Awurooppaa biroo doorsisa Tiraamp odola Ameerikaa Kaabaa fi Arktiik gidduutti gahee tarsiimoo taphattuu fi Ameerikaan erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda buufata waraanaa qabdu kana irratti rifachuu isaanii ibsaniiru.

Hanga bara 1953tti kolonii Deenmaark kan turte Giriinlaand waggoota 26 booda bulchiinsa biyya keessaa kan argatte yoo ta’u, dhuma irratti hariiroo Deenmaark waliin qabdu laaffisuuf yaadaa jirti.

Ummanni ishee fi dhaabbileen siyaasaa harki guddaan to’annoo Ameerikaa jala jiraachuu akka hin barbaanne ibsuun, lammiileen Giriinlaand egeree isaanii ofii isaanii murteessuu akka qaban cichanii dubbataniiru.

“Giriinlaandiin waliigaltee kana gochuu qabdi, sababiin isaas Giriinlaandiin Raashiyaa ykn Chaayinaan aangoon fudhachuu arguu hin barbaaddu,” jechuun Tiraamp ittisa ishee irratti qoosuun akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply