ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Booranaa aanaa Yaaballoo gandoota akka Chorkaasaa, Dhaddiimii fi kanneen hafan biroo keessaa waraanni garboomfataa PP caasaalee Bilxiginnaa walin tahuun uummata ijaarsa mana gandaa jechuun marsaa lamaffaaf qarshiii 4000 tokkoo tokkoo abbootii warraa irraa dirqamsiisuun fuudhaa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattonni jedhanitti maatii harka qalleeyyii dhiyeessuu hin dandeenye ammoo ilaalcha siyaasaa itti maxxansuu loltoonni abbaa irree Bilxiginnaa hidhaa akka jiranis dabaluun jiraattonni addeessaniiru.
Oromiyaatti qarshii maqaa ijaarsa addaa addaa mana barnootaa, suphiinsa daandii, nageenyaa kkf jedhamuun uummata Oromoo irra deddeebiin gaafachuun yaaddoo hedduu uumaa kan jiru oggaa ta’u, uummanni baay’een galii xiqqaa qaba, qarshii irra deddeebiin kennuuf dirqamuun jireenya guyyaa guyyaa irratti rakkoo uumuun, hanqina hedduus itti fidaa jiraachuu himatu
Bilxiginnaan qarshii uummata gama tokkoon fedhii jechaa gama biraan ammoo dirqiin irraa fuudhaa jiraachuu hordofees uummanni baay’een jalaa dhokachaa fi hidhaaf saaxilamaaa jiru.






