ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa jedhamuun beekamu keessatti waraanni murna maafiyaa PP gaafa Amajjii 12, 2026 maqaa garaagaraa da’oo godhachuun uummata saamaa turuu fi gariin ammoo mana dararaa isaaniitti guuraa turuu jiraattonni bakkichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni aanichaa jedhanitti, hidhattoonni kunneen bobbaafamuun, qabeenya namoota nagaa saamuu, manneen jireenyaa caccabsuu, namoota reebuu fi mana hidhaatti guuraa turan jechuun taatee raawwate ibsaniiru.
Kana malees nama maqaan isaa Taarikuu Habtaamuu jedhamu jalaa dukkaana caccabsuun saamanii deemuu fi hanga yeroo odeessi kun qindaa’eetti waraana kanneeniin butamee jiraachuu isaallee dabaluun ibsanii jiru.
Dabalataan immoo waraanni sirna-dhab-leeyyiin kunneen gandichuma keessatti gaafa Amajjii 9 nama maqaan isaa Habtaamuu Taammanee jedhamu jalaas mana isaa cabsanii seenuun afaan qawwee isaaniitti dhimma ba’anii mana isaa keessa sakatta’uun qarshii kuma dhibba lama 200,000 jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa dabaluun eeranii jiru.
Godina kana dabalatee Oromiyaa cufa keessatti ergamtoonni murna maafiyaa PP hawaasa jireenya dhuunfaa isaa geggeeffatu, barnoota amantii fi barnoota idilee kan baratan akkasumas namoota hojii garaagaraa hojjechuun jireenya isaanii geggeeffatan siyaasa isaan harka keessaa hin qabne itti maxxansuun ajjeessuu, hidhuu, reebuu fi manneen jireenyaa ibidda itti shiduun barbadeessuu dabalatee gudeeddaa daa’immaan irraa kaasee hanga maanguddootaatti raawwachaa akka jiranis isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.


