ONM-ABO Amajjii 14, 2026
Godina Jimmaa aanaa Sokorruu keessatti gaafa Amajjii 11, 2026 caasaaleen murna Bilxiginnaa walii isaanii qooduun gandummaan dhiibbaa garaagaraa uumaa jiraachuu fi hojii keessaa wal ari’aa kan jiran ta’uu maddeen amanamoo keessoo PP Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen keessoo PP Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranitti , aanicha keessatti barsiisota, ogeessota fayyaa, hojjettoota misoomaa, fi kanneen biroo godinaalee Oromiyaa biroo irraa gara sanatti ramadamuun hojjetan aanaa irraa qabee hanga gandaatti jiran dhiibbaan gandummaan irra gahaa jiraachuuf hojii irraa ari’amaa jiraachuu dubbatu.
Gareen murna Bilxiginnaa sadarkaa aanaatii hanga gandaatti adda durummaan hojii kana raawwataa jiru bulchaa aanicha nama maqaan isaa Maammad-amiin Sheek Sharafuu jedhamu ta’uun barameera.
Godinicha keessatti waliigalaan caasaaleen murna Bilxiginnaa kunneen ilaalcha dabaa qaban namoota nagaa hojii dhuunfaaf jiruuf jireenya isaanii fooyyeefachuuf gara sanatti imalan illee nageenya biyya keenya booreessuuf dhuftan jechuun qabanii hidhuu fi kanneen daldala qaban uggura irra kaa’uuf saamicha irratti geeggeessaa jiraachuus maddeen dabalataan ifoomsaniiru.


