ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaagaraa keessatti gaafa Amajjii 14, 2026 murni Bilxiginnaa naamusa hin qabne uummata nagaa irratti halkan halkan meeshaa waraanaa dhukaasuu akkasumas saamuu fi mana uummata nagaa gubuu isaanii jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Akkaatuma olitti eerame kanaan hidhattoonni Bilxiginnaa dhala namaaf kabaja hin qabne magaalichatti dhukaasa banuun uummata nagaa shororkeessanii nagaa akka hin arganne gochuun jeeqaa akka jiran eeruun, magaalichuma keessatti guyyaa har’aa uummatni yeroo gabaa deemu seensa magaalichaa irratti kutuun midhaan boqqolloo fi xaafii akkasumas uummata maallaqa ittiin meeshaalee bu’uura jireenyaa bitachuuf bobba’an guutummaatti saamaa akka jiran jiraattonni magaalichaa ifoomsaniiru.
Ittuma fufuun guyyaa har’aa humnoonni badii Bilxiginnaa ganda qaawwaa Hara Mirqasaa bakka addaa Machii jedhamutti sababa tokko malee mana qonnaan bulaa maqaan isaanii:
- Obbo Qaadii Tulluu fi
- Sheek Maammad Daadhii
jedhaman jalaa mana lama qabeenya isaanii waliin gubanii akka barbadeessan jiraattonni dubbisne addeessanii, ganda Nuuraa Heeraa bakka addaa Hulluuqqoo jedhamutti immoo re’ee uummataa saamuun qalanii nyaataniiru.

