• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Dibaax Mana Barumsaa Damaddas irratti humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz barattoota irratti reebicha hamaa raawwachuun himame

Jan 16, 2026

ONM-ABO Amajjii 16, 2026 

Naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal Aanaa Dibaax ganda Damaddas irratti gaafa Amajjii 14, 2026 humni addaa naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bulan irraa ka’anii deemuun jiraattota sabaan Oromoo ta’an kanneen ganda Damaddas jiraatanii fi barattoota mana barsumaatti seenuun reebicha irratti raawwachaa kan turan yoo ta’u, barattootnis kanuma sababeeffachuun mana barnootaa addaan kutanii galuun dhaga’ameera. 

Akka jiraattotni gandichaa yaada isaanii ONM’f himanitti yeroo dhiyoo asitti Oromoonni naannoo kana jirtan lafa keenya nuuf lakkisaa deemaa isiniin jenneerra jechuun itti dhaadachuu, miidhaa irratti raawwachuu fi hanga ammaa maaliif hin godaanne jechuun humni addaa naannoo Beenishangul Gumuz aanaa Bulan irraa dhaqan akka isaaniin jechaa turan dabaluun ibsaniiru. 

Guyyuma eerame kana aanaa Dibaax ganda Damaddas keessatti reebicha hamaa humni addaa naannichaa uummata nagaa irratti raawwateen barattoota mana barumsaa deemaa jiran dabalatee namoota hedduu irra miidhaan qaamaas qaqqabeera jedhu jiraattonni naannichaa. 

Humni Addaa kun guyyoota muraasa keessatti uummanni Oromoo as jiraattan qabeenya qabdan qabattanii lafa keenya lakkistanii hin godaantan yoo ta’e deebinee gaafa dhufnutti guutummaatti isin fixna jechuunis itti dhaadatanii deemuu jiraattotni ni himaniiru. 

Haalli godinichaa aanaalee garaagaraa fi gandoota baadiyyaa bakkeewwan Oromoonni qubatanii jiran irratti humni addaa naannichaa raawwata jiru tibbana haalaan jiraattota kan yaaddesse ta’uu irra deddeebiin qaama dhimmi ilaallatuuf himatan illee qaamni nu dhaga’u dhibee yaaddoo hamaa keessa jirra jechuun jiraattotni yaaddoo isaanii ONM’f addeessaniiru. 

Humni Addaa aanaa Bulan irraa aanaa Dibaax ganda Damaddas deemuun jiraattota fi barattoota irratti reebicha raawwatan kun Oromootni godinicha keessa jiraachuuf beellama torban tokkoo qofa jiraattotaaf kennanii akka deebi’anis jiraattotni himaniiru. 

Leave a Reply