ONM-ABO Amajjii 16, 2026
Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti caasaaleen murna gabroomfataa PP tibbana maqaa gibira jedhuun tooftaa saamichaa baafatanii warroota dunkaana qaban mara qarshii 50,000 fi isaa ol gaafachaa jiraachuu isaanii hordofee, wayita namoonni qarshii gaafataman kana yeroo sanatti of harkaa dhabuun dhaba isaanii itti himatan lukkeeleen Bilxiginnaa kun dunkaana namootaa saamsaa jiraachuun ibsameera.
Akka jiraattotni magaalaa Kamisee dubbisne himanitti, Amajjii 13, 2026 irraa eegaluun magaalaa Kamisee iddoo Warqee jedhamutti ergamtoonni Abiy Ahimed kun magaalicha keessa naanna’anii gibira qarshii hanga nuti isiniin jenne yeroo nuti feenetti waan nuuf hin kaffaliniif jechuun iddoo Warqee jedhamu kanatti dunkaanota lakkoofsaan 80 ol ta’an namoota keessaa ari’anii saamsaa jiraachuu fi namoonni dunkaana kana bananii argaman ammoo qarshii 80,000 adabamu jedhanii sodaachisuun guyyaa 2 oliif dunkaana namootaa kana saamsanii jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’f eeraniiru.
Jiraataan magaalaa Kamisee Warqee irraa dubbisne kan maqaan isaa akka hin dha’amne gaafate tokko akka jedhutti, ani warroota magaalaa kanatti dunkaanni irratti saamsame keessaa isa tokkoodha, nuti yeroo dunkaana tana banannu waan qabnu mara gurgurree ilmaan keenya itti guddifachuu fi jireenya keenya ittiin fooyyeffachuuf akkuma nama tokkootti karoorfanneeti, garuu dubbiin faallaa nu jalaa taate, lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gibira jedhuun, torbee irraa kaasee hanga ji’aatti, ji’ootaa hanga waggaatti qarshiin isaan nu gaafatan galii nuti harkaa gara afaanii ittiin jiraachuun walin gitus jedha.
Dhuma irratti akka himetti, maqaa gibiraan qarshii humnaa olii saamamuu fi dunkaanni keenyas saamsamuun haaraa ta’uu baatus, kan yeroo ammaa garuu adda nutti ta’eera, baasatu nutti ba’e, 50,000 fi isaa ol yeroo takkatti, akkasumas qarshii nu gaafatan sa’atii sana harkatti nuti eessaa finna? dhaba keenyas itti himanne nun hubanne, inumaa saamsanii akka nuti hin banne nu akeekkachiisuun deeman, kunoo ergasii guyyaa 3’f deemaa jirra, wanti nuti qabnus dunkaana kana qofadha, haala kanaan itti fufnaan daa’imman nu harkatti beelaaf akka saaxilaman tilmaamuun nama hin dhibu jechuun ibseera.

